DHUKKUBBII GOOFTAA KEENYA IYYASUS KIRISTOOS 13’N Toorbaan GADADOO

  1. Mataa rukutamuu(Takori’oota ri’is) Bulchaa biyyatti kan ture yeroo sanatti Philaaxoos “ani dhiiga nama qulqullicha kanarraa bilisa” erga jedhee booda reebichaan (garafuu) dhaan dabarsee dursoota luubotaa fi abboota Ayihuudotatti dabarsee kennee ture. Akka seeraa warra Ayihuudootattii namni garafame(reebame) hin fannifamu ture; kan hin fannifamnees hin garrafamu ture. Philaaxoos garuu erga garrafee boodaa, miidhaa miidhaarratti godhee akka fannnifamuf dabarsee kennef. Maatiyoos 27:24, maariqoos 15:15, luqaas 23:25, yoohannis 18:39.Fayyisaan keenyaa Iyysuus Kiristoos erga dabarfamee kennamee, gonfoo qoree(qoraattii) mataa isaatti ka’ani. Mataa Isaas sibilan ni rukutan. Maariqoos 15:19. Ilmi namaa Addaam irraa kaasee diina isaani seexanan qoraattin cubbuu mataa ilmaan namoota marsee kan ture, dabaa Ayihuudotaatin kan qoraatti qopha’ee akka ‘zawudditti’ mataa isaatti kawwameef. ‘maqa’ dhaanis ni rukutan. Mataa issarras dhiigni bu’ee fuula isaa dhokse.

2. Kaballaa (Tatsafi’oo maltaahit): Harkaa Ayihuudootatin kabalamuu kan ibsuu dha. Gooftaan keenyaa Dursaa lubootaatti dhugaa dubbachuun akka abarsaatti lakka’ameef deebisani deebisani kaballa dhaan rukutani. Fuula isaas huccuu dhaan haguugani “Kiristoos koo kan kaballan si rukute eenyuu dha? Raajii nuuf dubbadhuu kaa “jedhani itti qoosa turani. Harkaa seexanatti kufee luubbuu isaatti qoosaa fi rakkisa kan ture , ilmaan nama fayyisuu dhaaf jedhee harka diina isaatti , Ayihoodotatti kufee, kabalamee,rakkina cima arge. Maatiyoos27:27.Philaaxoos dabarsee ergaa kenne booda, gonfoo qoree mataa isaa irra godhee, huccuu diima uffisee “ yaa mootii Ayihuudii nageenyi siif haa ta’uu” jechaa itti kolfaa kabalan. Yohaannis 19:2-4.Isaan hin beekne malee inni du’a diguu mootiif, amalummaa isatin du’a kan hin qabne Waaqayyoo barabaraati.

2. Kaballaa (Tatsafi’oo maltaahit): Harkaa Ayihuudootatin kabalamuu kan ibsuu dha. Gooftaan keenyaa Dursaa lubootaatti dhugaa dubbachuun akka abarsaatti lakka’ameef deebisani deebisani kaballa dhaan rukutani. Fuula isaas huccuu dhaan haguugani “Kiristoos koo kan kaballan si rukute eenyuu dha? Raajii nuuf dubbadhuu kaa “jedhani itti qoosa turani. Harkaa seexanatti kufee luubbuu isaatti qoosaa fi rakkisa kan ture , ilmaan nama fayyisuu dhaaf jedhee harka diina isaatti , Ayihoodotatti kufee, kabalamee,rakkina cima arge. Maatiyoos27:27. Philaaxoos dabarsee ergaa kenne booda, gonfoo qoree mataa isaa irra godhee, huccuu diima uffisee “ yaa mootii Ayihuudii nageenyi siif haa ta’uu” jechaa itti kolfaa kabalan. Yohaannis 19:2-4. Isaan hin beekne malee inni du’a diguu mootiif, amalummaa isatin du’a kan hin qabne Waaqayyoo barabaraati.

3. Hancufa itti tufuu(Wariqa miraaq). Ayihuudotni gororaa isaani itti tufuu agarsisaa. Maatiyoos 27:29-30. Maarqoos 15:19 sababa cubbuutin jireenya namaa xuraa’ee, qulqulleessuf jecha itti tufame. Ilmaan namatti itti tufamee, salphatee kan ture inni ijaa cubbuu keenyaaf itti tufame, tuffatame. Waaqa fulduraatti miti nama durattu gororatufuun akkam akka nama salphisuu, inni garuu salphina cubbu keenya nurra balleessuu dhaaf gororri salfii itti tufame.

4. Satiye hamoot(Dhangaggaa’aa dhuguu)- Gooftaan keenya faannorra yemmuu jiruutti yemmuu dheebodhe jedhutti, hamooti hadhawaa kennuu isaani kan ibsuu dha. Faarfanna 68:21; nyaataf haamotii naaf kennani ; dheebuu kootiif hadhooftuu na hobasani”. Jedhee raajimessi Dawwit akkuma dubbate” jechi dubbatame kun akka raawwatuuf dubbate. Isaanis yemmuu dhiyeesanifitti dhamdhamee hin dhise(hindhugne), hindhugne.Maatiyoos 27:34. Gooftaan keenyaas erga hadhooftuu fudhatee booda, raawwate jedhe. Heeyyama isaanitis lubbuu isaa darsee kenne. Maatiwoos 27:48, Maariqoos 15:36’ Luqaas23:36, Yohaannis 19:29 . Yoo dhugan hangaa baraa baraatti kan nama hin dheebosinne kan namaaf kennu Waaqayyo ta’ee osoo jiruu, bishaan jireenya baraa baraaf ta’uu kan kenneefi burqisuusu yeroo dheebodhe jedhetti namni obaasu hin argamne. Isaayyaas 55:1, seera keessa deebi 16:1-20, 1 qor 10:3. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristooosis ho’i si’ool keessa keessatti kufani bishaan jireenya dheebochawarra jiran , luubbotaa kana dheebuu baasuu dhaaf inni dheeebote.

5. Dugda reebamu(garafamuu)(Taqasifo zabaan): dugdaa isaa keessaa gara laafina malee garafamu ibsa. Akka kanan olitti ilaalettii , namni garafamee hin fannifamu ture. Philaaxoos harka isaa dhiqaatee deebi’eeet, harkaa isaa xureesse. Maatiyoos 27:26, Maariqoos 15:14. Yohaannis 19:1. Ayihuudotaf philaaxoos filannoo dhiyeessef enyuu haa hikaamuu yemmuu jedhutti kashalabbee “ Barbaan” (hattuu) jedhani deebisanif. Akkuma Isaayyas 50:6 “ dugda koos kan na reebaniif,…’ jedhamee akka dubbatamee, Gooftanis dabarsee of kenne.

6. Qullaa ta’uu(Ta’arqoota libsi) Philaaxoos dabarsee Iyyasuus Kiristtoos yeroo itti kenne eegalamee huccuun isaa irraa mulqame. Maatiyoos 27:27 ilmaan namootas harkaa isaani ibidda keessa kayyatani

7. Cinaacha eboon waraanamuu(Rigzata gaboo): Gooftaan lubbuu isaa du’aaf dabarsee erga kenne booda cinaa isaa eeboon waranani. Kashalabboota lamatu bitaa fi mirgaa Gooftatti fannamani turani. Foon isaanii guyyaa sambataan( sanbata xinnaa) faannoorra akka hin turreef jilbaa isaanitti isaan caccabsina jedhani Philaaxoos gaafatani. Kashalboota laman ergaa caccabsani yemmuu garaa Iyyyasusitti dhufan akka boqote argaani osoo hin cabsiin dhisani. Isaan(Ayihuudota) keessa ijji isaa tokko jaamaa kan ture Langinoos kan jedhamuu yemmuu dhufee cinaacha isaa waaranutti cinaa isaatii dhiigni fi bishaan dhangala’e. Yohaannis 19:33. Duutni dunee turre, Waaqayyoorra gargar baanee turree du’a isaatin du’a keenya irra bilisa nu baase, duu’a nuuf moye. Duti laphee namaa keessatti hundee (dhaabbatee) ture, hundee ishee waliin barbadeessuf , balleessuf , buqqesee wantaa gateef, “du’aa waraannan kees eessa jira? jedhame. 1Qor 15:54-55, Isaayyas 25:8, Hose’i 13:14. Cinachi isaa waraname bishaani fi dhiigni dhangala’uun, ilmuummaa Waaqayyoo fi jireenya barabaraa dhabnee kan turree akka nuuf deebi’ee kan dhugoomsuu dha. Sababni isaas bishaan lolaa’een cuuphamnee mucummaa, dhiigaa dhugnee jireenya barabaraa nuuf keenna ykn argamsiisa. Yoohannis 3:5, Yohaannis 6:54.

8. Harka duubatti hidhuu ( Ta’asirota dihaarit):- Erga Gooftaan dabarsee of kennee boodatti, harkaa isaa duubatti hidhaani lafarraa harkisani. Yohaannis 18:12. Hidhaa cubbuutiin duubatti hidhamee, daabiloossin kan miidhama jiruu, ilmaa nama fayyisuuf jecha namoota hidhaa cubbuuu irra basuu dhaaf jecha, fayyisaan Addunyaa Kiristoos diina isaa Ayihuudotaa harkatti duubatti hidhame.

Waraansa Fannoorraa 5’n(Amistu qiniwaata masqal):- Mismarooota ciccimoo shananin ittiin faannifame jechuu dha. Mismarootni Gooftaa ittin fannisan shananis,

9. Saadoor,

10. Alaadoor,

11. Daanaat,

12. Adeeraa,

13. Roodaas jedhamuu. Isaan kun fakkenya iccitii utubaa mana amantaa ta’uu isaanii abbotni ni barsisuu. Duuka bu’aan Toomas, duu’a ka’umsaa boodaa, waa’ee isaa yemmuu itti himan amanuu didee ture, cinaa isaa waraname amman harkaan tuqee argutti jedhe ture. Yohaannis 20 :25. Gooftan keenya ilmaan namoota sababa cubbuutin mismaraa seexanatin waranamani turan fayyisuuf jecha ofif ittin waraname. Egaa himaata fannoo warren jedhaman isaan kanaadha.Ega kunnniin bakka tokkotti 13 tahu,kanaaf dhukkubbii fannoo 13’n jedhamu. Kiriyaalaayisoon//

Created By
Sagalee Dhugaa Ortodooksii Karaa Dhugaa Kiristaanummaa Ortodooksi
Appreciate

Made with Adobe Slate

Make your words and images move.

Get Slate

Report Abuse

If you feel that this video content violates the Adobe Terms of Use, you may report this content by filling out this quick form.

To report a Copyright Violation, please follow Section 17 in the Terms of Use.